Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Numbers 32 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The sons of Reuben and sons of Gad had vast herds of livestock. Seeing the land of Jazer and land of Gilead, they noticed it suited livestock well. Sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii horii bacaa qabaniiyyu; isaan latti Yaazeriitii fi latti Giil'aadii lafa hori'iif toltu akka teete dhaggane.
2 The sons of Gad and sons of Reuben came and said to Moses, to Eleazar the priest, and to the community's leaders: Maarre isaan gara Muuse'ee, gara Ele'azaarii hayyichaatii fi gara sooreyyii kolba'aa dhufanee,
3 "Ataroth, Dibon, Jazer, Nimrah, Heshbon, Elealeh, Sebam, Nebo, and Beon, «Ataaroti, Diibon, Yaazer, Niimraa, Heshiboon, Ele'aale, Sebaam, Neboonii fi Be'on,
4 the land our Father struck down before Israel's community—is land for livestock, and your servants have livestock." latti Mootiin Waan Maraa akka Israa'elooti qabatanu godhe tun hori'iif dansa'a; nuuti tajaajiltooti teeti horii bacaa qanna.
5 They said, "If we have found favor in your eyes, give this land to your servants as a possession. Don't make us cross the Jordan." Fuula keeti duratti fudhatama dhaggannee yoo jiraanne, lafa tana nu tajaajiltoota teetiif kenni malee, laga Yordaanosii gamatti akka buunu hin godhin» jedhane.
6 Moses said to the sons of Gad and Reuben, "Should your brothers go to war while you sit here? Muuseen ammoo sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiin, «Isin as teettanuun kolbaan biyya teessanii Israa'elooti lolaaf deemanii ree?
7 Why discourage Israel from crossing into the land our Father has given them? Kolbaan biyya teessanii Israa'elooti laga Yordaanosii gamatti buutee, lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kennetti akka hin galle maaf addii kutachiittan ree?
8 This is what your fathers did when I sent them from Kadesh-barnea to see the land. Lafa akka dooyanuuf abbootii teessan Qaadesh-Barnee irraa yennaa ani erge, isaanille akkasuma godhane.
9 They went up to the Valley of Eshcol, saw the land, then discouraged the Israelites' hearts from entering the land our Father had given them. Isaan haga dhooqa Eshikolii dhaqanee, lafa ilaalaneen duuba, Israa'elooti gara lafa Mootiin Waan Maraa isaaniif kenneeru sanitti akka hin galle addii kutachiisane.
10 And our Father's anger burned that day, and he swore an oath, saying, Guyyaa san Mootiin Waan Maraa guddoo aaree, kakatee,
11 surely the men who came up from Egypt, twenty years old and up, will not see the land I swore to give to Abraham, to Isaac, and to Jacob—because they did not fully follow me. ‹Namooti biyya Gibxi'iitii bayane worri woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa olii gadhaa tokkochaan na gula waan hin deeminiif, isaan keessaa nami tokkolle lafa ani Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale hin dhagganu.
12 None but Caleb son of Jephunneh the Kenizzite and Joshua son of Nun, for they fully followed our Father. Kaalebii ilma Yofunee Qenazichaatii fi Iyaasuu ilma Nunii worra gadhaa tokkochaan na gula deemane malee, isaan keessaa nami tokkolle hin dhaggu› jedhe.
13 The anger of our Father burned against Israel; he made them wander the wilderness forty years until the whole generation that had done evil before our Father had died. Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliititti guddoo aaree, dhalooti fuula Mootii Waan Maraa duratti hantuu hujane sun haga dhumatanutti, kolbaan Israa'elii woggaa afurtama goomolee keessa akka joonjitu godhe.
14 Now you have risen up in place of your fathers, a brood of sinners, adding still more to our Father's fierce anger against Israel! Isinille amma sanyiin namoota cubbaaleyyi'ii, addee abbootii teessanii buutanee, Mootiin Waan Maraa irra caalaa kolbaa Israa'eliititti akka aaru gootan.
15 If you turn from following him, he will leave them in the wilderness once again, and you will destroy all this people." Isin sanyiin Ruubeniitii fi sanyiin Gaadii isa hordofiisa irraa yoo deebitane, inni ammalle goomolee keessatti kolbaa tana hin lakkisa; isin badii isaaniitiif sababa hin teetan» jedhe.
16 They came to him and said, "We'll build pens here for our livestock and cities for our children. Achiin duuba isaan gara Muuse'ee dhufanee, «Asitti horii keennaaf moonaa, ijoollee teennaa fi dubartoota teennaaf qachaa ijaaruu feena.
17 But we will arm ourselves, ready to go ahead of the Israelites until we bring them to their place, while our children stay in fortified cities, safe from those living in the land. Te'uu malee, haga addee isaaniitiin isaan geennutti hidhannee Israa'eloota golii teennaa dura aannee loliisaaf qophoonneerra; yennaa san kolbaan lafa tana keessa leetu ijoollee teenna akka hin miine, ijoolleen teenna qachaa dalleenni dhaka'aa itti ijaarame keessa hin le'an.
18 We will not return home until every Israelite has taken his inheritance. Israa'elooti marti lafa ifii haga dhaalanutti nuuti gara mana keennaa hin deebinu.
19 We won't inherit with them across the Jordan and beyond, since our inheritance has come to us on this side of the Jordan, to the east." Nuuti laga Yordaanosii irraa gara aduun baatutti lafa waan fudhanneef, laga Yordaanosiitiin gama lafa isaan woliin qoodannu hin qannu» jedhane.
20 Moses said to them, "If you do this—if you arm yourselves before our Father for the war, Achiin duuba Muuseen isaaniin, «Isin tana yoo gootane, lola dhaqiisaaf Mootii Waan Maraa duratti yoo qophoottane,
21 and every armed man among you crosses the Jordan before our Father until he drives out his enemies from before him, haga inni diinota ifii fuula ifii duraa oofee baasutti, isin worri meya lolaa hidhatee lolaaf qophootaneertanu martinuu fuula Mootii Waan Maraa dura laga Yordaanosii gamatti yoo buutane,
22 and the land is subdued before our Father, afterward you may return and be free of obligation to him and to Israel, and this land will be your possession before our Father. yennaa latti sun harka Mootii Waan Maraa jala galte, isin deebi'uu hin dandeettan. Mootii Waan Maraatii fi Israa'elootaafille akka gootanu waan isin irraa barbaadamu muummessitaneertan. Latti sunille fuula Mootii Waan Maraa duratti teessan hin teeti.
23 But if you don't do this, look—you will have sinned against our Father, and know: your sin will overtake you. Isin waan kana yoo hin godhin ammoo, Mootii Waan Maraa irratti cubbuu hujjan; cubbuun teessan akka isin qabattu beeka'a.
24 Build cities for your little ones, pens for your flocks, and do what your mouth has promised." Ijoollee teessanii fi dubartoota teessaniifille qachaa, hoole'ee fi re'ee teessanille'eef gooree ijaara'a; ammoo waan waadaa galtane muummessa'a» jedhe.
25 The sons of Gad and Reuben said to Moses, "Your servants will do as my lord commands. Achiin duuba sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii, Muuse'een, «Nuuti tajaajiltooti teeti, akka ati goottaan keenna ajajje hin goona.
26 Our children, wives, flocks, and all our herds will stay there in the cities of Gilead, Ijoolleen teenna, dubartooti teenna, loon keennaa fi horiin keenna marti as qachoota Giil'aadii keessatti hin hafan.
27 but your servants, every man armed for war, will cross before our Father to battle, as my lord says." Nuuti tajaajiltooti teeti ammoo worri lolaaf qophoonne marti akkuma ati jette, Mootii Waan Maraa duratti, loliisaaf laga Yordaanosii gamatti buuna» jedhane.
28 So Moses commanded Eleazar the priest, Joshua son of Nun, and the clan leaders of Israel's tribes about them. Maarre Muuseen marroo isaaniitiif Ele'azaarii hayyicha, Iyaasuu ilma Nuniitii fi sooreyyii gosa Israa'elii ajajee,
29 Moses said to them, "If Gad's and Reuben's sons cross the Jordan with you, every man armed for battle before our Father, and the land is subdued before you, then give them Gilead as their possession. «Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii Mootii Waan Maraa duratti lolaaf qophowanee, isin woliin laga Yordaanosii bu'anee, lafa san yoo qabatane, lafa Gaal'aadii isaaniif kenna'a.
30 But if they won't cross over armed with you, they must take possession among you in the land of Canaan." Isaan ammoo lolaaf hidhatanee isin woliin laga Yordaanosii gamatti yoo hin bu'in, isinuma woliin lafa Kana'aanii keessatti latti qooda isaanii isaaniif kennantuu ti» jedhe.
31 Gad's and Reuben's sons answered, "We will do as our Father told your servants. Sanyiin Gaadiitii fi sanyiin Ruubenii deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti akkuma Mootiin Waan Maraa ajaje hin goona.
32 We ourselves will cross armed before our Father into the land of Canaan, and our inherited possession will remain ours beyond the Jordan." Nuuti lolaaf hidhannee, Mootii Waan Maraa duratti, gara lafa Kana'aanii gamatti hin buuna, latti nuuti fudhannu ammoo as laga Yordaanosiitiin gamana hin teeti» jedhane.
33 Moses gave to them—the sons of Gad, the sons of Reuben, and the half-tribe of Manasseh son of Joseph—the kingdom of Sihon king of the Amorites and the kingdom of Og king of Bashan: the land, its cities, the territories, and the cities of the country around. Achiin duuba Muuseen mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaatii fi mootummaa Oogii mootii Baashaanii, lafa duudii qachoota isi'ii woliin, biyya adaala qachootaa woliin, sanyii Gaadiitii fi sanyii Ruubeniitiif, gamisa sanyii Minaasee ilma Yoseefiitiifille kenne.
34 And the sons of Gad built Dibon, Ataroth, Aroer, Sanyiin Gaadii qachoota dalleenni dhaka'a itti ijaarame Diibon, Ataarot, Aro'er,
35 Atroth-shophan, Jazer, Jogbehah, Atrot-Shofaan, Yaazer, Yogbehaa,
36 Beth-nimrah, and Beth-haran—fortified cities and pens for sheep. Bet-Niimra'aa fi Bet-Haaraan deebisanee ijaaranee, hoole'ee fi re'ootaafille gooree ijaarane.
37 And the sons of Reuben built Heshbon, Elealeh, Kiriathaim, Sanyiin Ruubenii qachoota: Heshiboon, Ele'aale, Kiriiyat-Aayim,
38 Nebo, Baal-meon (renamed), and Sibmah—they gave the cities they rebuilt new names. qachoota maqaan isaanii jijjiirame Nebo'oo fi Ba'aal-Me'on, Siibmaalle deebisanee ijaarane. Isaan qachoota deebisanee ijaarane kana maqaa baasane.
39 Sons of Machir son of Manasseh went to Gilead, captured it, and drove out the Amorites living there. Sanyiin Maakiirii ilma Minaase'ee dhaqanee lafa Giil'aadii qabatanee, worra Amoorotaa ka achi jiranu ari'ane.
40 So Moses gave Gilead to Machir son of Manasseh, and he settled in it. Maarre Muuseen lafa Giil'aadii sanynii Maakiirii ilma Minaase'eetiif kennee, isaanille achi le'ane.
41 And Jair son of Manasseh went and captured their villages, and called them Havvoth-jair. Sanyiin Minaase'ee Yaa'iir olloota isaanii qabatee, «Olloota Yaa'iirii» jedhee moggaase.
42 And Nobah went and captured Kenath and its villages, and called it Nobah, after his own name. Nobaalle dhaqee Qenaatii fi olloota adaala isi'ii qabatee, «Nobaa» jedhee maqaa ifiitiin moggaase.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]