Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Malachi 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 This is the word of our Father to Israel, delivered through Malachi. Ergaan tun ta Mootiin Waan Maraa karaa raagicha Milkiyaasiitiin kolbaa Israa'eliitiif dubbatte.
2 "I have loved you," says our Father. "But you ask, 'How have you loved us?' Wasn't Esau Jacob's brother?" declares our Father. "Yet I loved Jacob, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Ani isin jaaladhe» jedha; isin ammoo, «Attamiin nu jaalatte?» jettan. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Esaawuu fi Yaaqoob obboleeyyan; ani ammoo Yaaqoob jaaladhee,
3 but Esau I hated. I made his hill country wasteland, left his inheritance to desert jackals." Esaawuu ammoo jibbe. Biyya koobittii isaalle goomolee godhee, lafa inni dhaalu jeedala goomole'eetiif lakkise» jedhe.
4 Edom may say, "We are shattered, but we will rebuild the ruins." But the Father of heaven's armies says: "They may build, but I will tear down. They will be called the Wicked Land, the people our Father stays angry with forever." Sanyiin Esaawuu worri Edoomii, «Qachooti keenna diigamanee turaneeran; amma ammoo ka diigamane san deebinnee hin ijaarra!» hin jedhan; ammoo Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Isaan hin ijaaran; ani ammoo hin diiga. Kolbaan ‹Biyyi sun biyya hantu'u; kolbaan biyya saniille kolbaa Mootiin Waan Maraa baraa haga bara baraa itti mufate› hin jetti.
5 Your own eyes will see it, and you'll say, 'Great is our Father—beyond Israel's borders!' «Isin kolbaan Israa'elii tana ila teessaniin dhaggitanee, ‹Meessaa Israa'eliitiin alattille Mootiin Waan Maraa gudda'a› hin jettan» jedhe.
6 "A son honors his father, a servant his master. If I am a father, where is my honor? If a master, where is my respect? says the Father of heaven's armies to you priests who despise my name. But you ask, 'How have we despised your name?'" Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hayyoota isa tuffatanuun, «Ilmi abbaa ifii, hojjataan hojjachiisaa ifii hin ulfeessa; adoo ani abbaa keessan te'eeruu maaf na ulfeessuu dhaddane ree? Adoo ani hojjachiisaa te'eeruu maaf na sodaatuu dhaddane ree? Isin ammoo, ‹Attamiin si tuffanne?› jettanee gaafattan.
7 "You put unclean food on my altar, then ask, 'How have we made you unclean?' By calling our Father's table despised. Isin sagalee battootte addee ciincaan kiyya itti ciinceffamutti ciincessitan; achiin duuba, ‹Attamiin addee ciinca'aa batteessine?› jettanee gaafattan. Dabaltaneelle, ‹Addeen Mootii Waan Maraatiif ciincaan itti ciinceffamu ka tuffatame› jettan.
8 When you offer a blind animal, isn't that evil? Offer the lame and sick—isn't that evil? Present it to your governor—will he be pleased with you? Will he accept you?" says the Father of heaven's armies. Horii ballaa yookiin dhibamaa yookiin naafa ciinca'aaf yennaa dhikeessitanu, kun waan gadhe'ee motii ree? Me waan akkasii bulchaa keessaniif dhikeessa'a! Inni isinitti hin gammadaa? Gammadee isin irraa hin fudhataa?» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
9 "Now plead with our Father to be gracious to us. With such offerings from your hands, will he accept any of you?" says the Father of heaven's armies. Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Isin waan akkasii ana Mootii Waan Maraatiif ciincaa ciincessitanee akka ani isiniif araaramu yoo daadimattane, kun dokonkora keessan.
10 "If only one of you would shut the doors, so you would not light useless fires on my altar! I take no pleasure in you," says the Father of heaven's armies, "and I will accept no offering from your hands. Ani isinitti hin gammadu; ciincaa isin naaf ciincessitanu isin irraa waan hin fudhanneef, akka isin addee ciincaan kiyya itti ciinceffamu irratti ibidda hin gabbinne, maaloo nami isin keessaa balbala Galma Waaqaa cufu adoo jiraatee!
11 From sunrise to sunset my name will be great among the nations. Everywhere incense and pure offerings will be brought to my name, because my name will be great among the nations," says the Father of heaven's armies. Maqaan kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti baya adu'uu irraa haga seensa adu'uutitti guddaa hin te'a; maqaan kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti guddaa waan te'eef, addee maratti ulfinna maqaa kiyyaatiif hixaannii fi kennansi qulqulluun hin dhikeeffama.
12 "But you desecrate it, saying the Sovereign Father's table is unclean and its food may be despised." «Isin ammoo, ‹Addeen Mootii Waan Maraa ka dada maraatiif ciincaa itti ciincessanu ta battootte› jettanee sagalee tuffatante achi irratti yennaa dhikeessitane addee ciinca'aa san batteessitane.
13 "You say, 'What a burden!' and snort at it in contempt," says the Father of heaven's armies. "You bring stolen, lame, and diseased animals as offerings—should I accept them from you?" says our Father. Dabaltaneelle, ‹Kun eloo qofa!› jettanee itti murgitan; isin horii hatame, horii naafa, horii dhibame fiddanee ciincaa ciincessitan; ani kana ani isin irraa hin fudhadha seetanii?
14 "Cursed is the cheat who has a sound male in his flock and vows it, but sacrifices a defective animal to the Sovereign Father. For I am a great King," says the Father of heaven's armies, "and my name is to be feared among the nations." Nami hoolee ifii keessaa korbeessa fafa hin qanne ka ana Mootii Waan Maraatiif waadaa galeeru adoo qabuu, addee isaa horii fafa qabu sobaan dhikeessu ka abaarame te'uu ti! Ani mootii guddaa waan te'eef, maqaan kiyya gosa biyya adda addaa keessatti sodaatamaa hin te'a» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]