Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

John 16 guj

Show guj only
Verse × ×
1 "I have told you all this so that you will not fall away. Yesuus, «Dhugeeffannaa teessan irraa akka isin hin gufanneef, ani tana maraa isinitti hime.
2 They will expel you from synagogues; but the hour is coming when whoever kills you will think he offers a service to God. Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti.
3 They will do this because they have not known the Father or me. Isaan waan Abbaa yookiin na hin beenneef waan kana mara isin irratti godhan.
4 But I've told you this so that when their hour comes, you'll remember I told you. I didn't tell you this from the start, because I was with you. Waan kana godhiisaaf yennaan isaanii yoo geette, waan ani isinitti hime akka qaabattanuuf tana isinitti hime. «Ani isin woliin waan jiruuf, jalqaba irratti dubbii tana isinitti hin hinne» jedhe.
5 "But now I'm going to him who sent me, and none of you asks me, 'Where are you going?' Yesuus, «Ani ammoo amma gara ka ana ergee deemaara; isin keessaa nami tokkolle, ‹Eessa dhaqaarta?› jedhee na hin gaafatu.
6 Instead, because I have said these things to you, sorrow has filled your heart. Ani waan tana isinitti himeef ammoo, gadhaan keessan gaddaan guutameera.
7 I tell you the truth: my going is for your good. If I don't go, the Helper, the Holy Spirit, won't come to you. But if I go, I will send him to you. Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga.
8 And when he comes, he will convict the world concerning sin and righteousness and judgment: Inni yennaa dhufe, marroo cubbu'uu, marroo balchumma'aatii fi marroo mura'aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa.
9 concerning sin, because they do not believe in me; Isaan waan natti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu'uu inni isaanitti hin mudhisa;
10 concerning righteousness, because I am going to my Father and you will see me no longer; Ani gara Abba'aa waan deemuuf, isinille deebitanee waan na hin dhaggineef, inni marroo balchumma'aa hin mudhisa.
11 concerning judgment, because the ruler of this world has been judged. Bulchaa lafa tanaatitti waan duruu muranteertuuf, inni marroo mura'aa mudhisa.
12 "I still have many things to say to you, but you cannot bear them now. «Ani waan hedduu isinitti himu qaba, amma ammoo qalbeeffatiisa hin dandeettanu.
13 But when he, the Spirit of truth, comes, he will guide you into all truth. He won't speak on his own, but will speak whatever he hears, and will tell you what is coming. Ayyaanni dhuga'aa yennaa dhufe, inni gara dhuga'aa mara isin hin geessa. Inni ifirraa fuudhee hin dubbatu, ammoo waan dhage'ee fi waan dhufu'uu jiru dubbata.
14 He will glorify me, for he will take what is mine and tell it to you. Inni waanuma ani jedhu fuudhee waan isinitti himuuf, ulfinna naaf hin kenna.
15 All my Father has is mine; that's why I said he takes from what is mine and will tell you. Wonni Abbaan qabu martinuu tiyya; tanaaf ani, ‹Ayyaanni Woyyichi waanuma ani jedhe fuudhee isinitti hima› jedhee isinitti dubbadhe.
16 "Soon you'll no longer see me; then soon again you'll see me." «Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan» jedhe.
17 So some of his disciples asked each other, "What does he mean: 'In a little while you will not see me, and then in a little while you will see me,' and, 'Because I am going to the Father'?" Barattoota isaa keessaa gariin, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan; akkasuma inni ani gara Abba'aalle waan deemuuf› nu'uun jechuun isaa kun maan?» jedhanee wol gagaafatane.
18 So they kept saying, "What does he mean, 'a little while'? We don't know what he's talking about." Ittuma deebi'anee, « ‹Yennaa diqqoo› jechuun kun maan? Marroo maanii akka inni dubbatiisatti jiru nuuti hin beennu» jedhane.
19 Jesus knew they wanted to ask him, so he said to them, "Are you asking each other what I meant by saying, 'In a little while you will not see me, and then a little while you will see me'? Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan› waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii?
20 "Truly, truly, I tell you: you will weep and mourn, but the world rejoices. You'll grieve, but your grief will become joy. Ani dhugaa isinitti hima: isin waacittanee boottan, biyyi lafaa ammoo hin gammaddi; isin hin gadditan, gaddi keessan ammoo gara gammadaa hin jijjiirama.
21 A woman in labor has pain because her hour has come; but once she gives birth, she forgets the anguish, because she is joyful that a person has been born into the world. Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniinsu'uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa'imi dhalate ammoo, daa'imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti.
22 So you also have sorrow now, but I will see you again, and your heart will rejoice, and no one will take your joy from you. Isin amma gaddiisatti jirtan; ani ammoo deebi'ee isin hin dhagga; gadhaan keessan hin gammada; gammada keessan eennulle isin irraa hin fudhatu.
23 In that day you will ask me nothing. Truly, truly, I tell you: whatever you ask my Father in my name, he will give you. «Guyyaa san, isin womaa na hin gaafattanu. Ani dhugaa isinitti hima: Waan isin maqaa kiyyaan Abbaa gaafattanu mara Abbaan isiniif hin kenna.
24 Until now you've asked nothing in my name. Ask, and you will receive, so your joy may be complete. Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin gaafanne; gammadi keessan guutuu akka te'uuf, gaafadha'a hin fudhattan» isaaniin jedhe.
25 I've told you these things in figures. The hour is coming when I'll no longer speak in figures, but tell you plainly about my Father. Yesuus, «Kana mara isinitti himiisaaf fakkeennaan dubbadheera. Yennaan ani fakkeennaan hin dubbanne hin dhutti; marroo Abba'aa ammoo ifa tolchee isinitti hima.
26 That day you'll ask in my name, and I'm not telling you I'll ask my Father on your behalf; Guyyaa san, isin maqaa kiyyaan hin gaafattan; ani Abbaa isiniif gaafadha isiniin hin jedhu.
27 for the Father himself loves you, because you've loved me and believed I came from our Father. Isin waan ana jaalattaneef, akka ani Waaqa biraa dhufelle waan dhugeeffattaneef, Abbaanuu isin hin jaalata.
28 I came from my Father and entered the world; again, I leave the world, going to my Father." Ani Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufe; amma biyya lafaa lakkisee deebi'ee gara Abba'aa deemaara» jedhe.
29 His disciples said, "Now you are speaking plainly and not using any figure of speech! Achiin duuba barattooti isaa, «Ati amma fakkeenna malee, ifa tolchitee dubbatiisatti jirta.
30 Now we know you know everything and need no one to ask you questions; so we believe you came from our Father." Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna» jedhaneen.
31 Jesus replied, "Do you now believe? Yesuus deebisee, «Isin amma dhugeeffattaneertanii?
32 "See, the hour is coming—has come—when you'll be scattered, each to his own home, leaving me alone. Yet I'm not alone; my Father is with me. Yennaan isin qofi na lakkittanee namuu gara mana ifii bittinnowu dhufiisatti jirti; ammaayyuu dhutteerti; ani qofii tiyya hin hafa. Abbaan na woliin waan jiruuf, ani ammoo qofi hin jiru.
33 I've told you this so you may have peace in me. In the world you'll face trouble, but take heart—I've overcome the world." Anaan nageenni akka isinii te'uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha'a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]