Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Genesis 45 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Joseph could not control himself before everyone standing by him, so he cried out, "Send everyone away from me!" No one stayed with him when Joseph made himself known to his brothers. Achiin duuba Yoseef worra isa bira dhaabbatu mara duratti ifi qabatuu dadhabee, «Namoota mara na irraa gad baasa'a» jedhee ajaje; yennaa Yoseef obboleeyyan ifiititti eennummaa ifii hime nami tokkolle isa woliin hin jiruuyyu.
2 He wept so loudly that the Egyptians heard it, and Pharaoh's household heard it. Worri Gibxi'iitii fi worri mana mootumma'aalle haga dhage'anutti Yoseef qoonqoo ol qabatee bowe.
3 Joseph said to his brothers, "I am Joseph! Is my father still alive?" His brothers could not answer him, for they were terrified at his presence. Yoseef obboleeyyan ifiitiin, «Ani Yoseef. Abbaan kiyya haga ammaa hin jiraa?» jedhe. Obboleeyyan isaa ammoo fuula isaa duratti guddoo waan sodaatteef deebii isaaf deebisuu hin dandeenne.
4 Joseph said to his brothers, "Please, come close to me." They came close. He said, "I am your brother Joseph, whom you sold into Egypt. Achiin duuba Yoseef obboleeyyan ifiitiin, «Gara kiyya dhikaadha'a» jedhe. Isaanille gara isaa dhikaatane. Innille isaaniin, «Ani obboleessa keessan Yoseef, ka isin gara biyya Gibxi'ii gurgurtane.
5 Now don't be distressed or angry with yourselves for selling me here, since our Father sent me ahead of you to preserve life. Waaqi lubbuu kolba'aa fayyisiisaaf, isiniin dura waan na ergeef, isin waan as na gurgurtaneef hin yaaddoyina'a yookiin ifitti hin aarina'a.
6 Famine has been in the land two years now; five more years remain with no plowing or harvest. Lafa irratti beelti haga buuteen amma woggaa lama; woggaa shanan ammalle dhufu'uu jirtu keessatti hin qotatanu, hin haammatanulle'e.
7 Our Father sent me ahead of you to preserve a remnant for you on earth, and keep you alive as a great band of survivors. Kolbaan hedduun akka fayyituuf jiruu teessan fayyisiisaan, sanyiin teessan lafa irratti akka hattuuf, Waaqi isiniin dura as na erge.
8 So now, it wasn't you who sent me here, but our Father—he made me father to Pharaoh, lord of all his household, and ruler over all the land of Egypt. Maarre ka as na erge Waaqa malee, isinii moti. Waaqi qondaala ol aanaa mooticha biyya Gibxi'ii, itti gaafatamaa mana mootummaa mootichaatii fi lafa Gibxi'ii duudii irratti bulchaa na godheera.
9 Hurry, go up to my father, tell him: Your son Joseph says: Our Father has made me lord of all Egypt. Come down to me; don't delay. «Amma ariifadha'aa gara abbaa kiyyaa dhaqa'aatii, ilmi keeti Yoseef, ‹Waaqi lafa Gibxi'ii mara irratti bulchaa na godheera. Hin turinii na bira koy!
10 You'll live in Goshen, near me—you, your children, your children's children, your flocks, your herds, all you own. Lafa natti dhikaattu lafa Gooshenii keessa hin leeta; atii fi ijoolleen teeti, ijoolleen ijoollee teetii, hoole'ee fi re'een teeti, loon keeti, wonni ati qaddu martille natti hin dhikaatan.
11 I will provide for you there—five years of famine remain—so you, your household, and all you own don't fall into poverty. Ammalle woggooti beelaa shan waan hatteef, ati, maatiin teetii fi horiin keeti akka hin beelonne, ani Gooshenitti waan isinii barbaachisu hin godha› jedha'aatii itti hima'a.
12 Your eyes see, and my brother Benjamin's eyes see, that it is my own mouth speaking to you. «Ani afaan kiyyaan akka isinitti dubbadhe, isinuu dhaggitaneertan, obboleessi kiyya Beniyaamille dhaggeera.
13 Tell my father all my honor in Egypt, and all you have seen. Hurry and bring my father down here. Biyya Gibxi'ii keessatti ulfinna guddaa attamii akka ani qabuu fi marroo waan dhaggitanee mara abbaa kiyyatti hima'a. Abbaa kiyyalle ariifadha'aa as fida'a» jedhe.
14 Then he threw his arms around his brother Benjamin and wept, and Benjamin wept on his neck." Achiin duuba inni morma Beniyaaminii obboleessa ifii hanqafatee bowe; Beniyaaminille morma isaa hanqafatee bowe.
15 He kissed all his brothers and wept over them. After that his brothers talked with him. Yoseef obboleeyyan ifii mara sunqatee itti bowe. Tanaan duuba obboleeyyan isaa isa woliin haasowane.
16 News reached Pharaoh's house: "Joseph's brothers have come." It pleased Pharaoh and his officials. Oduun dhufiisa obboleeyyan Yoseefii mana mootumma'aatitti yennaa dhage'ante, mootichi Gibxi'iitii fi qondaaltoti isaa akka malee gammadane.
17 Pharaoh said to Joseph, "Say to your brothers: do this—load your animals, go, return to the land of Canaan. Maarre mootichi, Yoseefiin, «Obboleeyyan teetiin, ‹Geejjiba keessan fe'adha'aatii gara lafa Kana'aanii deebi'a'a.
18 Take your father and your households and come to me. I will give you the best of Egypt's land, and you will eat the richness of the land. Abbaa keessanii fi maatii teessan gara kiyya fida'a. Ani lafa Gibxi'ii keessaa ta irra caalaa dansa'aa isiniif hin kenna, isinille sagalee dansaa lafa sanii hin nyaattan› jedhi.
19 You are commanded: tell them, 'Do this—take wagons from Egypt for your children and wives, bring your father, and come. Dabalii isaan ajajiitii, ‹Garreettaa geejjibaa ka niitota teessan, ijoollee teessanii fi abbaa keessan itti feetanee fiddanu, biyya Gibxi'iitii fudhadha'aa deema'a.
20 Don't worry about your belongings—the best of all Egypt's land is yours.'" Biyya Gibxi'ii keessatti lafa irra caalaa dansa'aa waan dhaggattanuuf, karra teessan ta lakkittanee dhuttanuuf hin qucuucamina'a› jedhiin» jedhe.
21 The sons of Israel did so; Joseph gave them wagons per Pharaoh's order, and gave them provisions for the road. Maarre ilmaan Yaaqoobii akkuma jedhame godhane. Akkuma mootichi ajaje, Yoseef garreettaa geejjibaatii fi ideensa kara'aatiif galaa isaaniif kenne.
22 He gave each a change of clothes, but Benjamin 300 pieces of silver and five changes of clothes. Inni woyaa adduu tokko tokkoo isaaniitiifuu kenne; Beniyaaminiif ammoo woyaa adduu shanii fi meetii dhibba sad kenne.
23 He sent his father ten donkeys loaded with Egypt's best, and ten female donkeys loaded with grain, bread, and food for his journey. Abbaa ifiitiif waan dadansaa biyya Gibxi'iititti dhaggamanu fe'iisa harreele'ee kudhan, dabaleelle ideensa kara'aatiif galaa akka te'u midhaanii fi daabboo, sagalee dhibiille fe'iisa harreelee dhaltu'uu kudhan erge.
24 He sent his brothers off; as they left, he said, "Don't quarrel on the way." Inni obboleeyyan ifii ergee, isaanille ka'aaranuun, inni, «Karaa irratti wol hin lolina'a!» isaaniin jedhe.
25 So they left Egypt and came to their father Jacob in Canaan. Maarre isaan biyya Gibxi'iitii bayanee, lafa Kana'aanii keessatti gara Yaaqoobii abbaa ifii dhufane.
26 They told him, "Joseph is still alive—ruler over all Egypt!" But his heart went numb; he didn't believe them. Isaan, abbaa ifiitiin, «Yoseef haga ammaa hin jira! Lafa Gibxi'ii duudii irrattiiyyuu bulchaa te'eera» jedhane. Yaaqoob ammoo nayee gaggabe; inni dubbii isaaniille dhugeeffatiisa hin dandeenne.
27 But when they told him all Joseph's words to them, and he saw the wagons Joseph sent to carry him, their father Jacob's spirit revived. Te'uu malee waan Yoseef isaaniin jedhe mara yennaa isaan itti himane, gara biyya Gibxi'ii akka ittiin isa fidanu garreettaa geejjibaa ka Yoseef ergelle yennaa dhagge bayyanate.
28 Israel said, "Enough! Joseph my son is still alive. I will go and see him before I die." Achiin duuba Yaaqoob, «Ilmi kiyya Yoseef haga ammaa jiraachuun isaa na geetti! Ani adoo hin du'in dhaqee isa dhagguu qaba» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]