Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Genesis 39 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Joseph was brought down to Egypt; Potiphar, Pharaoh's Egyptian official and captain of the guard, bought him from the Ishmaelites who had brought him down there. Yoseef gara biyya Gibxi'ii gad geessane; qondaaltota mootii Gibxi'ii keessaa tokkochi, phoxiifaariin nami biyya Gibxi'ii ajajaan eeddota mana mootumma'aa, worra Ishimaa'elootaa ka gara biyya Gibxi'ii isa fide irraa Yoseef bitate.
2 Our Father was with Joseph; he thrived, serving in his Egyptian master's house. Mootiin Waan Maraa waan Yoseef woliin jiraateef, wonni inni huju teeteef; inni mana goottaa ifii, Phoxiifaarii nama biyya Gibxi'ii keessa le'aa ture.
3 His master saw our Father was with him, our Father making all he did succeed in his hand. Phoxiifaar akka Mootiin Waan Maraa Yoseef woliin jiruu fi hujiin isaa marti akka isaaf teetu akka godhe dhaggee,
4 Joseph found favor with him and served him; his master put Joseph over his house, entrusting him with all he owned. Yoseefitti gammadee, tajaajilaa ifii godhate; inni ajajaa mana ifii isa godhee, qabeenna ifii mara irralle'etti itti gaafatamaa godhe.
5 From when he put Joseph over his house and all he owned, our Father blessed the Egyptian's house for Joseph's sake; our Father's blessing was on all he had, house and field. Yennaa saniin jalqabee, Mootiin Waan Maraa sababa Yoseefiitiif jedhee, qabeenna manaatii fi fichaa namicha biyya Gibxi'ii san mara eebbise.
6 Potiphar left all he owned in Joseph's care, aware of nothing except what he ate. Joseph was well-built and handsome. Tanaaf Phoxiifaar waan qabu mara harka Yoseefiititti lakkise; Phoxiifaar waan nyaatu malee, waan tokkolle'eef hin yaaddawuuyyu. Yoseef akkaa fi dhaaballe'een nama miidhaga'a.
7 After these things, his master's wife cast her eyes on Joseph and said, "Sleep with me." Yennaa diqqo'oon duuba niitiin goottaa isaa Yoseef ilaaltee jaalattee, «Ana woliin rafi» jetteen.
8 He refused, telling his master's wife, "Look, with me here, my master oversees nothing in the house; all he owns he has put in my hands. Inni ammoo didee, niitii goottaa ifii saniin, «Goottaan kiyya waan mana keessaa maraaf tokkolle hin yaaddawu; waan qabu mara irratti itti gaafatamaa na godheera.
9 He is no greater in this house than I am; he's held back nothing from me except you, since you are his wife. How could I do this great evil and sin against our Father?" Mana kana keessatti goottaan kiyya na caalaa baallii hin qabu; ati waan niitii isaa teeteef si malee, wonni inni natti hin kennin hamburate tokkolle hin jiru. Ani attam waan hantuu akkanaa hujee, Waaqa yakka ree?» jedhe.
10 Day after day she spoke to Joseph, but he refused to listen to her, to lie beside her, to be with her. Dubartittiin guyyuma guyya'aan Yoseefitti dubbattulle, inni ammoo isii woliin rafiisa yookiin isii biratti dhaggamiisa didate.
11 One day Joseph entered the house to do his work, with no household man inside. Gaafa tokko Yoseef hujii ifii hujatiisaaf, gara manaa yennaa seene, tajaajiltoota manaa keessaa tokkolle achi hin jiranuuyyu.
12 She caught him by his garment, saying, "Sleep with me!" He left it in her hand and fled outside. Niitiin goottaa isaa woyaa isaa qabattee, «Koy, na woliin rafi» jetteen. Yoseef ammoo woyaa ifii isii harkatti lakkisee, baqatee manaa baye.
13 When she saw that he had left his garment in her hand and fled outside, Isiin akka inni woyaa ifii isii harkatti lakkisee, alatti baqatee baye yennaa dhaggite,
14 she called the men of her household and said, "Look—he brought us a Hebrew man to mock us. He came in to me to sleep with me, and I screamed loudly. tajaajiltoota mana isi'ii keessa hujanu waantee, «Kunoo, namicha Ibraawicha nu fokkisiisaaf abbaan manaa kiyya as fide kana ilaala'a. Inni hunnaan na woliin rafiisaaf gara kolloo tiyyaa seene; ani ammoo qoonqoo ol qabadhee itti iyye.
15 When he heard me cry out, he left his garment beside me and fled outside. Inni akka ani qoonqoo ol qabadhee iyye dhage'ee, woyaa ifii na biratti lakkisee, baqatee manaa baye» jette.
16 She kept his garment beside her until his master came home." Isiin haga goottaan isaa galutti woyaa isaa ifi bira keyattee eedde.
17 She told him the same story: "The Hebrew servant you brought us came to me to mock me. Achiin duuba isiin, «Garbichi Ibraawichi ati as fidde sun na fokkisiisaaf gara kolloo tiyyaa seene.
18 But when I cried out, he left his garment beside me and fled outside." Akkuma ani qoonqoo ol qabadhee iyyeen, woyaa ifii na biratti lakkisee, alatti baqate» jette.
19 When his master heard his wife's words to him—"Your servant did these things to me"—his anger flared. Niitiin isaa, «Garbichi keeti akkana na godhe» jettee waan isatti hinte yennaa dhage'e, goottaan Yoseefii guddoo aare.
20 Joseph's master took him and put him in the prison holding the king's prisoners. He stayed there in the prison. Tanaaf Yoseef fuudhee, mana hidha'aa ka worri mootichi hiisiseeru keessa jirutti isa galche. Yoseefille hidhaa keessa achi ture.
21 But our Father was with Joseph, showing him covenant love and favor with the prison warden. Mootiin Waan Maraa ammoo Yoseef woliin jiraatee, jaalala ifii ka bara baraa isatti mudhisee, ajajaa mana hidha'aa duratti akka Yoseef fudhatama dhaggatu godhe.
22 The prison warden put Joseph in charge of all its prisoners; whatever was done there, he did. Ajajaan mana hidha'aa sun, namoota mana hidha'aa keessa jiranu maraa fi waan mana hidha'aa san keessatti hujamu mara irratti Yoseef itti gaafatamaa godhe.
23 The warden checked nothing in Joseph's care, since our Father was with him—whatever he did, our Father made succeed. Mootiin Waan Maraa Yoseef woliin jiraatee, wonni inni huju marti akka isaaf teetu waan godheef, ajajaan mana hidha'aa waan Yoseef itti gaafatamaa itti te'e isatti lakkisee, itti hin yaaddonne.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]