1Then the high priest asked, "Are these things true?"gujHayyichi guddaan, «Wonni siin jedhanu kun dhuga'aa?» jedhee Isxifaanos gaafate.
2Stephen said, "Brothers and fathers, listen: Our Father of glory appeared to our father Abraham in Mesopotamia, before he lived in Haran,gujIsxifaanosille deebisee, «Obboleeyyanii fi abbootii tiyya, na dhage'a'a! Abbaan keenna Abrahaam lafa Kaaraanii le'iisaaf adoo hin deemin dura, ulfinni Waaqaa Mesophotaamiyaa keessatti isatti mudhatee,
3and told him, 'Leave your land and relatives, and go to the land I'll show you.'guj‹Fira keetii fi biyya teeti lakkisiitii gara lafa ani si'itti mudhisuu deemi› jedheen.
4He left the Babylonians' land and settled in Haran. After his father died, our Father moved him from there into this land you now live in.gujAchiin duuba inni biyya ifii Kaldiyaa lakkisee, Kaaraan keessa le'iisaaf deeme. Abbaan isaa du'een duuba, Waaqi gara lafa amma isin leetanu tanaa isa fide.
5He gave him no inheritance in it, not even a foot of ground—yet promised it to him and his descendants after him as a possession, though he had no child.gujTeetuu malee Waaqi lafa haga faana miilalle isaaf hin kennine; ammoo yennaa san Abrahaam ilma qabaatuu dhabulle, Waaqi lafa san isaa fi sanyii isaatiif akka kennu, waadaa galeeraayyu.
6And our Father said his offspring would be foreigners in a land not their own, enslaved and mistreated 400 years.gujWaaqi karaa kanaan Abrahaamiin, ‹Sanyiin teeti lafa ormaa keessa galtuu teetee hin leeti; achitti garboontee haga woggaa dhibba afurii hin cunqurfanti.
7'I will judge the nation they serve,' our Father said, 'and after, they will come out and worship me in this place.'gujAni ammoo kolbaa isaan garboonsite sanitti hin mura; achiin duuba sanyiin teeti lafa san keessaa baatee asitti na hin waaqonsiti› jedheera.
8He gave him the covenant of circumcision. Abraham fathered Isaac and circumcised him on the eighth day; Isaac fathered Jacob, and Jacob the twelve ancestors.gujAchiin duuba Waaqi gondooroo haqanqaba'aa Abrahaamiif kenne; maarre Abrahaam ilmi isaa Yisihaq dhalateen duuba, guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabe; akkasuma Yisihaqille ilma ifii Yaaqoob haqanqabaa qabe; Yaaqoobille abbootii gosa Israa'elii ka te'ane, ilmaan ifii kudhanii lama haqanqabaa qabe.
9The ancestors, jealous of Joseph, sold him into Egypt, but our Father was with him,guj«Ilmaan Yaaqoobii obboleessa ifii Yoseef hinaattee, garba akka te'uuf biyya Gibxiititti isa gurgurte; Waaqi ammoo isa woliin jiraayyu;
10and rescued him from all his troubles, gave him favor and wisdom before Pharaoh king of Egypt, who made him ruler over Egypt and Pharaoh's whole household.gujrakkoo mara keessalle'ee isa baase. Yoseef mooticha lafa Gibxi'ii Fara'oon dura yennaa dhikaate, Waaqi arnyaa fi qarooma isaaf kenne; mootichille bulchaa biyya Gibxi'iitii fi ajajaa qabeenna mana ifii isa godhe.
11A famine and great suffering struck all Egypt and Canaan, and our fathers found no food.gujBara san biyya Gibxi'iitii fi Kana'aanii maratti beelti rakkoo guddoo fidde; abbootiin teennalle waan nyaattu dhaggatuu hin dandeenne.
12Hearing there was grain in Egypt, Jacob sent our fathers there first.gujYaaqoobille biyya Gibxi'ii keessa midhaan akka jiru yennaa dhage'e, yennaa jalqabaatiif, abbootii teenna ka te'ane, ilmaan ifii achi erge.
13On the second visit, Joseph made himself known to his brothers, and Pharaoh learned of Joseph's family.gujYennaa isaan lammeessoo dhaqane, Yoseef eennummaa ifii obboleeyyan ifiititti hime; mootichi biyya Gibxi'iille maatii Yoseefii beeke.
14And Joseph sent for his father Jacob and all his relatives, seventy-five persons in all.gujMaarre Yoseef, worri duudiin nami torbaatamii fi shan martinuu, gara biyya Gibxi'ii akka dhufanu, abbaa ifii Yaaqoobitti erge.
15And Jacob went down into Egypt, and he died, he and our fathers.gujTanaaf Yaaqoob gara biyya Gibxi'ii dhaqee, innii fi ilmaan isaalle achitti du'ane.
16They were taken back to Shechem, and buried in the tomb Abraham had bought for silver from Hamor's sons in Shechem.gujLafeen isaanii gara lafa Sheekem jedhantu geeffantee, addee awwaalaa lafa Abrahaam beesee ifiitiin gosa Hamoorii irraa bitetti awwaalante.
17As the time of the promise our Father gave Abraham neared, the people grew and multiplied in Egypt,guj«Waadaan Waaqi Abrahaamiif gale muummowisaaf yennaa dhikaate, laakkossi kolbaa teennaa ka biyya Gibxii keessaa heddataa deeme.
18until there arose over Egypt another king who did not know Joseph.gujMuummee irratti, mootichi marroo Yoseefii hin beenne tokko biyya Gibxi'ii bulchiisa jalqabe.
19This king exploited our people and mistreated our fathers, forcing them to abandon their infants to die.gujMootichi kun abbootii teenna gowwoonsee gadhaa itti jabaatee, daa'immaan isaanii akka duutuuf, ala baasanee akka gatanu dirqansiise.
20At that time Moses was born, beautiful in our Father's sight. He was raised three months in his father's house.gujBara san Muuseen dhalate; inni daa'ima shaggicha; haga ji'a sadii mana abbaa ifii keessatti guddate.
21And when he was abandoned, Pharaoh's daughter adopted him and brought him up as her own son.gujInni yennaa alatti gatame, intalti Fara'oonii isa fuutee, akka ilma ifiititti gudditte.
22Moses was trained in all Egyptian wisdom, and was strong in speech and action.gujMuuseen qarooma worra Gibxi'ii duudii baratee dubbi'ii fi hujiile'een nama jabaa te'e.
23When he was forty years old, he decided to visit his brothers, the sons of Israel.guj«Inni woggaa afurtama yennaa geye, kolbaan Israa'elii akka itti jirtu ilaaliisaaf yaadate.
24Seeing one of them wronged, he defended the oppressed man and avenged him by striking down the Egyptian.gujMuuseen yennaa namichi biyya Gibxi'ii tokko nama Israa'elii tokko miidhuun dhagge rogeefii, namicha biyya Gibxi'ii dhowee ijjeese.
25He thought his brothers would understand our Father was giving them salvation through his hand, but they didn't understand.gujMuuseen karuma isaatiin Waaqi bilisa akka isaan baasu, kolbaan waan hubattu seyeeyyu; isaan ammoo hin hubanne.
26The next day he came upon them as they were fighting and tried to reconcile them, saying, 'Men, you are brothers. Why do you wrong each other?'gujBoruyyaa nami lama ka gosa Israa'elii wol lolanuun dhaggee, wolitti araarsiisaaf barbaadee, ‹Jarana, isin obboleeyyan; maaf wol loltan?› jedheen.
27But the man wronging his neighbor shoved Moses aside, saying, 'Who made you ruler and judge over us?gujNamichi lola kaase ammoo Muusee achi darbee, ‹Nu'u irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?
28Do you want to kill me as you killed the Egyptian yesterday?'gujAkkuma kalee namicha Gibxi'ii ijjeette, analle ijjeesuu barbaaddaa?› jedheen.
29At this word, Moses fled and lived as a foreigner in the land of Midian, where he fathered two sons.gujMuuseen yennaa tana dhage'e, biyya Gibxi'ii keessaa dheetee, gara lafa Miidiya'aa galee le'e. Achitti ijoollee lama uumate.
30Forty years later, an angel appeared to him in the wilderness of Mount Sinai, in a burning bush's flame.guj«Woggaa afurtamaan duuba, lafa goomole'ee keessatti Gaara Siina'aa biratti bobe'a tusee gabbattuu keessatti, ergamaan Waaqaa Muuse'etti mudhate.
31Moses saw it and was amazed; as he approached to look closer, our Father's voice came:gujMuuseen waan kana yennaa dhagge baaseffatee, ilaaliisaaf itti dhikaate. Ammoo inni qoonqoo Gootta'aa,
32'I am the God of your fathers—the God of Abraham, Isaac, and Jacob.' Moses trembled, not daring to look.guj‹Ani Waaqa abbootii teetii, Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaqiitii fi Yaaqoobii ti› jettu dhage'e. Muuseen soda'aan rorommee, ilaaliisaafille itti hin gamne.
33Then our Father told him, 'Take the sandals off your feet, for the place you're standing on is holy ground.'gujGoottaan Muuse'een, ‹Addeen ati dhaabbatteertu lafa woyyittii waan teeteef, kophee teeti baafadhu.
34I have indeed seen my people's suffering in Egypt, heard their groaning, and come down to rescue them. Now go—I'm sending you to Egypt.gujAni dhugumaan rakkinna kolbaa tiyyaa ta biyya Gibxi'ii keessaa dhaggeera. Ani iyya isaanii dhage'eera; isaan bilisa baasiisaafille gad dhufeera. Amma koy; ani gara biyya Gibxi'ii si ergaara› jedhe.
35This Moses, whom they rejected, saying, 'Who made you ruler and judge?'—this is the one our Father sent as both ruler and redeemer, through the hand of the angel who appeared to him in the bush.guj«Kolbaan Israa'elii Muuse'een, ‹Nu irratti eentu bulcha'aa fi abbaa mura'aa si godhe?› jettee isa jibbiteertiiyyu. Te'uu malee Waaqi Muusuma kana karaa ergamaa Waaqaa ka tusee keessatti itti mudhateetiin, bulcha'aa fi ka bilisa baasu godhee gara isaanii erge.
36This man led them out, doing wonders and signs in the land of Egypt, at the Red Sea, and in the wilderness for forty years.gujInni Gibxi'ii fi abbaayaa diintuu irratti baasaa fi bilbaasa hujaa, kolbaa sooressaa, biyya Gibxi'ii keessaa baase.
37This is the Moses who told Israel's sons, 'Our Father will raise up a prophet like me for you, from your brothers.'guj‹Waaqi akkuma na kaase, raagaa tokko odduu teessaniinuu isiniif hin kaasa› jedhe ka dubbate Muusuma kana.
38This is the one who was in the wilderness assembly with the angel speaking to him at Mount Sinai, and with our fathers—he received living words to give us.gujInni abbootii teenna woliin lafa goomolee keessa jiruun, gaara Siinaa gubba'atti ergamaan Waaqaa ka itti dubbate isuma; Jecha Waaqaa ka jiru'uu ka nu'uuf dabarselle Muusuma kana.
39Our fathers refused to obey him; they rejected him and in their hearts turned back to Egypt,guj«Abbootiin teenna ammoo, isaaf ajajamuu diddee, gadhaa ifiititti gara biyya Gibxi'ii deebi'iisaaf yaadatte.
40telling Aaron, 'Make us gods to go ahead of us. As for this Moses who led us out of the land of Egypt, we don't know what happened to him.'gujMaarre isaan Aaroniin, ‹Muuseen biyya Gibxii keessaa nu baase kun waan te'e wollaallee, waaqota nu sooressanu nuu huji› jedhane.
41They made a calf in those days, offered a sacrifice to the idol, and celebrated what their hands had made.gujYennaa san isaan waaqa dharaa jabbii fakkeessanee hujanee, ciincaa dhikeessaneef; waan hujane sanitti gammadane.
42But our Father turned away, giving them over to worship the host of heaven, as written in the prophets' book: 'Did you bring me slaughtered animals and sacrifices for forty years in the wilderness, house of Israel?gujWaaqi ammoo isaan irraa garagalee, urjoota ol-gubba'aa akka sagadanuuf dabarsee isaan kenne; akkuma kitaaba raagotaa keessatti barreeffante, «‹Ee, kolbaa Israa'elii! Woggaa afurtama goomolee keessatti horii qalmaatii fi ciincaa naaf dhikeessitanee ree?
43You carried Moloch's tent and your god Rephan's star, the idols you fashioned to worship them; so I will banish you far beyond Babylon.'gujIsin dunkaanii waaqa molokiitii fi, fakkii urjii waaqa Reefaan jedhamuu, harka keessaniin hujjanee, waaqonsiisaaf ba'attane. Maarre anille biyya Baabilon irraa fagaattutti isin hin dabarsa› jedhe.
44Our ancestors had the tent of witness in the wilderness, as he who spoke to Moses directed him to make it, matching the pattern he'd seen.guj«Abbootiin teenna goomolee keessatti dunkaanii dhugaa bayaa qaddi. Dunkaaniin sun akka Waaqi Muuse'etti mudhisee, ‹Akkas huji› jedhetti ta hujante.
45Our fathers in turn brought it in with Joshua when they dispossessed the nations that our Father drove out before them. So it was until the days of David,gujAbbootiin teenna dunkaanii san abbootii ifii irraa fudhatteen duuba, Iyaasuu woliin gara lafa gosa worra Waaqi isaan duraa ari'etti fudhatanee galane; dunkaaniin sunille haga bara Daawitii achi turte.
46who found favor with our Father and asked to find a dwelling place for our Father.gujDaawiti Waaqa duratti fudhatama dhaggatee, Waaqa Yaaqoobiitiif mana ijaariisaaf gaafate.
47But it was Solomon who built a house for him.gujAmmoo Waaqaaf ka mana ijaare Solomoon.
48Yet the Most High does not live in houses made by human hands, as the prophet says:guj«Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le'u; kunille akkuma raagichi,
49'Heaven is my throne, and the earth is my footstool. What kind of house will you build for me, says our Father, or what is the place of my rest?guj«‹Ol-gubbaan barcumaa mootummaa tiyyaa ti; lattille ijjata miila kiyyaa ti. Manni isin naaf ijaartanu ka attamii ti ree? Addeen ani itti foorfadhu eessa ree?
50Did not my hand make all these things?'gujWaan san duudii ka huje anaa motii? jedha Goottaan› jedhe.
51"You stubborn people, uncircumcised in heart and ears, always resist the Holy Spirit—like your fathers, so do you.guj«Isin worra mataa jabaatu! Gadhaan keessan akka gadhaa worra Waaqa hin dhugeeffannee, gurri keessan akka gurra worra Waaqa hin dhageennee ti. Isin akkuma abbootii teessanii yennaa mara Ayyaana Woyyicha mormitan.
52Which of the prophets did your fathers not persecute? They killed those who announced beforehand the Righteous One's coming—whom you have now betrayed and murdered.gujRaagaan abbootiin teessan hin miidhin tokkolle hin jiraa? Isaan raagota woggaa heddu'uun dura dhufa balchichaa odeessane ijjeesaneeran. Amma isinille isa dabarsitanee kennitanee ijjeettaneertan.
53You who received the law through angels and yet did not keep it."gujIsin karaa ergantoota Waaqaatiin seera Waaqaa fudhattaneertaniiyyu; isin ammoo hin ajajanneef» jedhe.
54Now when they heard these things they were enraged, and they ground their teeth at him.gujKorri Mura'aa waan Isxifaanos jedhe yennaa dhage'ane, aaranee gubatanee, itti ciniinnatane.
55But Stephen, full of the Holy Spirit, looked into heaven, saw the glory of our Father, and Jesus standing at the right hand of our Father.gujIsxifaanos ammoo, Ayyaana Woyyichaan guutamee, gara ol-gubba'aa ilaalee, ulfinna Waaqaatii fi Yesuus midda Waaqaa dhaabbateeruun dhaggee,
56And he said, "Look, I see the heavens opened and the Son of Man standing at our Father's right hand."guj«Kunoo, ol-gubbaan banantee, Ilmi Namaalle midda Waaqaa dhaabbateeruun ani dhagge» jedhe.
57But they cried out with a loud voice, covered their ears, and rushed at him.gujKorri Mura'aa iyyee gurra ifii qabate; achiin duuba isaan martinuu itti fiiganee,
58They threw him out of the city and stoned him. The witnesses laid their coats at the feet of a young man named Saul.gujqachaa keessaa harkisanee baasanee, dhaka'aan tumane. Dhugaa bayooti woyaa isaanii akka eeguuf dargaggeessa Saa'ol jedhamu tokko bira keyatane.
59And as they were stoning him, Stephen called out, "Lord Jesus, receive my spirit."gujAdoo isaan dhaka'aan tumiisatti jiranuu, Isxifaanos, «Goottaa Yesuus, ayyaana kiyya fudhadhu» jedhee daadimate;
60Kneeling, he cried out loudly, "Lord, do not hold this sin against them." Then he fell asleep.gujjilbiiffateelle qoonqoo ol qabatee, «Gootta'a, cubbuu tana isaanitti hin laakkowin» jedhee iyyee, du'e.