Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 13 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In the eighteenth year of King Jeroboam, Abijah became king of Judah. Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, Abiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e.
2 He reigned three years in Jerusalem; his mother was Micaiah, Uriel of Gibeah's daughter. Abijah and Jeroboam went to war. Inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa sad bulche; maqaan haadha isaa Ma'aka'a; isiin intala Urii'elii nama qachaa Giibe'aa ti. Abiiya'aa fi Yerobi'aam wodhakka'atti lolli ka'eeraayyu.
3 Abijah joined battle with an army of 400,000 chosen warriors, mighty in war; Jeroboam lined up against him with 800,000 chosen, mighty warriors. Abiiyaan loltoota jajjaboo kuma dhibba afur filatee duule. Yerobi'aamille loltoota janna kuma dhibba saddeet filatee duule.
4 Abijah stood on Mount Zemaraim in Ephraim's hill country and said, "Hear me, Jeroboam and all Israel! Achiin duuba Abiiyaan biyya koobittii Efreemii keessa gaara Zamaraayimii irra dhaabatee, «Ee Yerobi'aam, isin kolbaan Israa'elii martinuu na dhage'a'a!
5 Don't you know our Father, the God of Israel, gave David and his sons Israel's throne forever, by a covenant of salt? Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, Gondooroo sooddaa ta haga bara baraatiin, Daawitiif, sanyii isaatiifille, Israa'el irratti mootummaa akka kenne hin beettanuu ree?
6 But Jeroboam son of Nebat—a servant of Solomon son of David—rose and rebelled against his master. Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, tajaajilaan Solomoonii ilmi Daawitii, goottaa ifii irratti finqila kaase.
7 Worthless men gathered around him, defying Solomon's son Rehoboam, young and timid, unable to resist them. Ilmi Solomoonii Rehobiyaam adoo inni daa'imaatuu, yennaa inni womaa godhiisa hin dandeennetti, namooti siyyaayye'ee fi boru-hinbeenneen isa marsanee mormane; ittille jabaatane.
8 Now you think you can resist our Father's kingdom in David's sons' hands, since you're a huge crowd with the golden calves Jeroboam made as your gods. Isin amma mootummaa Mootii Waan Maraa ta harka sanyii Daawitii keessa jirtuun mormiisaaf baatane; dhuguma isin bindilla'a; fakkii waaqota dharaa jabbilee worqi'ii ta Yerobi'aamiin mootichi isiniif hujisiiselle ifi biraa qaddan.
9 Haven't you driven out our Father's priests, Aaron's sons and the Levites, and made your own priests like other nations? Anyone who comes with a young bull and seven rams can become a priest of things that aren't gods. Isin tana maleelle ilmaan Aaronii hayyoota Mootii Waan Maraatii fi Lewwoota ariitanee, addee isaaniititti akkuma kolbaa lafa dhibi'ii, hayyoota ifiif godhattaneertanii motii ree? Nami hayyuu te'iisaaf jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee torba fidee dhufu, waaqota dharaatiif hayyuu te'a.
10 But our Father is ours, and we haven't abandoned him. The priests serving him are Aaron's sons, and the Levites are at their work. «Nu'uuf ammoo Mootiin Waan Mara Waaqa keenna; nuuti isa hin lakkinne. Hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu sanyii Aaronii ti; Lewwooti isaan qarqaaran.
11 Every morning and evening they burn to our Father burnt offerings and fragrant incense; they set rows of bread on the pure gold table and tend the gold lampstand, lit every evening. We keep our Father's charge, but you have abandoned him. Isaan ganamaa fi galgala kennansa gubamuu fi hixaana fooleen isaa uddowu Mootii Waan Maraatiif dhikeessan; daabboo Waaqaaf kennantu xarapheessaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e san irra keyan; galgala galgalalle issaa waan issaa irra keyamu ka worqii irraa hujame irra jirulle hin qassiisan. Nuuti ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keennaa hin eeganna; isin ammoo isa lakkittaneertan.
12 Look, our Father is with us at our head, and his priests have trumpets to sound alarm against you. Israelites, do not fight our Father, the God of your ancestors, for you will not prevail." Kunoo, Mootiin Waan Maraa nu woliin jira; inni nu sooressa; hayyooti isaa tultullaa afuufanee lola isinitti hin kaasan. Ee ilmaan Israa'elii, injifatuu waan hin dandeenneef, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessanii hin lolina'a» jedhe.
13 Jeroboam had sent an ambush around, to come from behind them; his forces faced Judah, the ambush behind them. Yennuma san Yerobi'aam loltoota ifii keessaa gariin loltoota worra Yihuda'aatiin duubatti akka riphanuuf erge; loltooti hafane ammoo isa woliin loltoota Yihuda'aatiin wolitti fulla'anee akka lolanu godhe.
14 Judah turned, saw battle facing them front and back, cried to our Father; the priests blew the trumpets. Worri Yihuda'aa garagalee adaala ifii yennaa ilaalanu, duraa fi duubaan akka marfamaneeranu dhaggane. Achiin duuba akka isaan qarqaaruuf gara Mootii Waan Maraa iyyane. Hayyooti tultullaa afuufane.
15 Judah's men shouted the war cry, and as they shouted, our Father struck Jeroboam and all Israel before Abijah and Judah. Namooti Yihuda'aalle qoonqoo ol qabatanee iyyane; yennaa isaan iyyane Mootiin Waan Maraa Abiiya'aa fi namoota Yihuda'aa duratti, Yerobi'aamii fi Israa'eloota mara injifate.
16 The people of Israel fled before Judah, and our Father handed them over to Judah. Waaqi harka worra Yihuda'aatitti Israa'eloota dabarsee waan kenneef, isaan Yihudoota duraa baqatane.
17 Abijah and his army struck them a heavy blow; 500,000 chosen men of Israel fell dead. Abiiya'aa fi loltooti isaa lolanee akka malee waan miidhaneef, loltoota Israa'elii keessaa loltoota jajjaba kuma dhibba shan fixane.
18 So Israel was humbled then, and Judah prevailed because they relied on our Father, God of their ancestors. Namooti Israa'elii yennaa san guddoo qaanowane; namooti Yihuda'aa ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan addataneef injifatane.
19 Abijah chased Jeroboam, capturing cities from him—Bethel and its villages, Jeshanah and its villages, Ephron and its villages. Abiiyaan Yerobi'aam ari'ee qachoota Bet'el, Yeshaana'aa fi Efron, olloota qachoota san cinaa jiranu woliin isa irraa fudhate.
20 Jeroboam never regained his strength during Abijah's lifetime, and our Father struck him down, and he died. Bara Abiiya'aa keessa Yerobi'aam deebi'ee hunna bulchiisaa hin dhagganne. Dhuma irratti Mootiin Waan Maraa balaa itti buusee, inni du'e.
21 But Abijah grew strong. He married fourteen wives and had twenty-two sons and sixteen daughters. Abiiyaan ammoo irra caala hunna dhaggataa ideeme; inni niitolee kudhanii afur fuudhee, ilmaan diddamii lamaa fi ijoollee durraa kudhanii jaa uumate.
22 The rest of Abijah's acts, his ways and sayings, are written in the prophet Iddo's commentary. Wonni dhibiin ta Abiiyaan bara mootummaa ifii hujee fi wonni inni jedhe marti, kitaaba dabarsi'ii ka Iddoo raagichaa keessatti barreeffanteerti.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]