Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

1 Peter 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Likewise, wives, submit to your own husbands, so that even if some disobey the word, they may be won without a word by their wives' conduct, Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji'amanee dhugeeffatan fa'a te'a, isaaniif ajajama'a.
2 seeing your pure, reverent conduct. Sababille isaan qulqullumma'aa fi amala dansaa keessan yennaa dhaggane tana godhan.
3 Do not let your beauty be the outward kind—braided hair, gold jewelry, fine clothing. Shaggummaan teessan waan alaan mudhatuun mataa dhowatiisaan, worqii naqatiisaan, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisaan ifi seefatiisaan hin te'in.
4 But let it be the hidden person of the heart, the undying beauty of a gentle, quiet spirit, precious in our Father's sight. Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela'aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te'e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te'uu ti.
5 For this is how the holy women of old who hoped in our Father adorned themselves, submitting to their own husbands, Bara durii haadhotiin manaa ta woyyoonte, ta addii ifii Waaqatti godhatte, abbootii manaa ifiitiif ajajamaa ifi seefatteerti.
6 as Sarah obeyed Abraham, calling him lord. And you have become her children if you do good, fearing no terror. Isaan akkuma Saaraan Abrahaamiin, «Goottaa kiyya» jedhaa ajajanteef ajajamane. Isinille amma dansaa godhaa waan tokkolle yoo sodaatuu dhaddane ijoollee isi'ii ti.
7 Husbands, similarly, live with your wives with understanding, honoring each as the weaker vessel and as coheirs of the grace of life, so your prayers aren't hindered. Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teessan isin caalaa dadhaddu'uu isi'iif beeka'aatii woliin le'a'a; ulfinna isaaniif kenna'a; sababille isaan isin woliin badhaadha jiru'uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te'aa hin jiraattu.
8 Finally, all of you, be of one mind, sympathetic, loving one another as family, tenderhearted, and humble. Muummee irratti, isin duudiin yaada tokkoon wolii gala'a; woliif dhiiga'a; akka obboleeyyanii wol jaaladha'a; arjoole'ee fi worra ifi gad qabu te'a'a.
9 Do not repay evil for evil or insult for insult, but bless instead—you were called to this, so you may inherit blessing. Eebbisa'a malee, hammeenna hammeennaan, arraba arrabaan hin deebisina'a; sababille isin waan akkasii kana godhiisaan eebba akka dhaaltanuuf waammantane.
10 For, "Whoever desires to love life and to see good days, let him keep his tongue from evil and his lips from speaking deceit. Barreeffam Woyyichi, «Nami jiruu barbaaduu fi bara dansaa dhagguu fedhu, arraba ifii hantuu dubbatiisa irraa, hidhii ifii soba dubbatuu irraa dhooggatuu ti.
11 Let him turn away from evil and do good; let him seek peace and pursue it. Inni hammeenna irraa garagalee dansaa godhuu ti. Nageya barbaaduu ti; hordofatuutille'e.
12 For the eyes of our Lord are on the righteous, and his ears are open to their prayer, but the face of our Lord is against those who do evil." Ilti Gootta'aa gara worra balchootaa ilaalti; gurri isaalle daadimata isaanii hin dhage'a; worra hantuu godhutti ammoo nyaara guura» jedha.
13 Now who is there to harm you if you are eager to do what is good? Waan dansaa godhiisaaf yoo hinaattane ka isin irratti hantuu huju eennu?
14 But if you suffer for righteousness, you are blessed. Don't fear their fear, don't be shaken. Waan dansaa hujiisaan rakkoo yoo fudhattanelle eebba hin dhaggattan; sossodaachisiisa namaa hin sodaatina'a; hin raafaminaalle'e.
15 Set Christ apart as Lord in your hearts. Always be ready to answer anyone who asks the reason for your hope, but with gentleness and respect. Kiristoos ammoo akka Gootta'aatitti adda baasa'aatii ulfeessa'a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te'a'a.
16 Keep a clear conscience, so that when you're slandered, those who insult your good conduct in Christ are shamed. Ammoo deebiin teessan qajeelumma'aa fi kabajja'aan teetuu ti. Ka Kiristoosii waan teetaneef, amala dansaa keessan worri hammeessee dubbatu hantuu dubbataneen akka qaanowanu wodanaa dansaa qabaadha'a.
17 Better to suffer for doing good, if that's our Father's will, than for doing evil. Yoo fedha Waaqaa te'e, hantuu hujiisaan rakkinna fudhatu'uu mannaa, waan dansaa hujaa rakkinna fudhatuu woyya.
18 For Christ too suffered once for sins, the righteous for the unrighteous, to bring us to our Father—put to death in flesh, made alive in spirit, Kiristoos gara Waaqaa nu dhikeessiisaaf jedhee, adoo balchaa te'ee jiruu, nu worra balchummaa hin qanneef sababa cubbuu teennaatiif, yennaa maraaf yennaa takkatuu du'e. Inni fooniin du'ee ayyaanaan ammoo jiraataa te'e.
19 in which he also went and proclaimed to the spirits in prison, Inni Ayyaanuma saniin dhaqee ayyaanota mana hidhaa keessa jiranuuf lallabe.
20 who disobeyed long ago, when our Father waited patiently in Noah's days as the ark was being built, in which a few—eight people—were brought safely through the water. Ayyaanoti mana hidha'aa keessa jiranu sun, bara Nohi hoboloo guddittii ijaarrate adoo Waaqi ossataan isaan eegiisatti jiruu worra ajajama didane. Worri bisaan badi'ii irraa hafe, nama saddeet ka hoboloo guddittii keessa seene qofa.
21 This corresponding baptism now saves you too—not removing body dirt, but appealing to our Father for a good conscience—through Jesus Christ's resurrection, Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te'in, gaaffii wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du'aa fi ka'a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa.
22 who entered heaven and is at our Father's right hand, with angels, authorities, and powers subject to him. Kiristoos amma gara ol gubba'aa dhaqee maddii midda Waaqa Abba'aatitti tee'eera; ergantooti Waaqaa, worri baallii qabuu fi hunnooti, baallii isaa jala jiran.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]